Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Hojii fi Ogummaa naannoo Afaariif deeggarsa Birrii miiliyoona 54tti tilmaamamu taasiise

Finfinnee, Eebila 21, 2014 (FBC) – Ministeerri Hojii fi Ogummaa dhaabbilee Teeknikaa fi Ogummaa naannoo Afaar sababa waraanaan miidhamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona 54tti tilmaamamu taasiiseera.
Ministirri Ministeera Hojii fi Ogummaa Aadde Mufariyaat Kamiil magaalaa Samaraatti argamuun deeggarsicha Preezdaantii naannoo Afaar obbo Awwal Aarbaaf laataniiru.
Naannoo Afaar godinaalee 4 keessatti dhaabbileen Barnoota Leenjii, Ogummaa fi Teeknikaa 3 fi Intarpiraayizoonni 119 garee Shororkeessaa ABUTtiin saamamuu fi barbadaa’uu ibsameera.
Ministeerichi dhaabbilee kanneen dandamachiisuuf dhaabbilee waamamtoota waliin ta’uun deeggarsa akaakuu fi maallaqaa Birrii miiliyoona 54 olitti tilmaamamuu taasiisuu ragaan Ministeera Hojiii fi Ogummaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.