Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan deeggarsi namoomaa daangaa tokko malee naannoo Tigraay akka qaqqabu taasisaa jira-MDhA

Finfinnee, Eebila 21, 2014 (FBC) – Mootummaan Ityoophiyaa deeggarsi namoomaa daangaa tokko malee naannoo Tigraayiin akka qaqqabu taasisaa jiraachuu Ministeerri Dhimma Alaa beeksiseera.

Ibsa Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii laataniin, mootummaan nageenya buusuuf guyyaa murtoorra gahee kaasee konkolaattoonni fe’umsaa jajjaboon deeggarsa namoomaa fe’aan 146 fi bootteen boba’aa fe’aan 9 naannoo Tigraayiin galaniiru.

Mootummaan Ityoophiyaa deeggarsi namoomaa daangaa tokko malee naannoo Tigraayiin akka qaqqabuuf hojjetaa jiraatuus gareen Shororkeessaa ABUT rakkoo uumuurra of hin qusanne jedhaniiru.

Akkasumas harki deeggartoota biyyaa alaa gababachuu fi lakkoofsii deeggaramtoota biyya keessaa heddummaachuun dhiyeessii deeggarsa namoomaarratti rakkoo uumaa jiraachuu Ambaasaaddar Diinaan himaniiru.

ABUT iddoowwan Arbiitii, Barhaayillee fi Abi’aalaa naannoo Affaar gadi lakkisuu fi ammallee gandoota naannoo Amaaraa tokko tokkoo qabatee jiraachuu ibsaniiru.

Hawaasni idil addunyaas deeggarsa namoomaa akka guddisuu fi gareen shororkeessichaa iddoowwan qabate gadi lakkise akka ba’uuf dhiibbaa taasisuu akka qabu yaadachiisaniiru.

ABUT yeroo amma kanas haleellaa raawwachuu akka danda’uu ergaa sodaachisu dabarsaa akka jiru Ambaasaaddar Diinaan ibsaniiru.

Ityoophiyaatti hanga ammaan lammiileen kumni 15 fi 300 ol Saa’ud Arabiyaarraa gara biyyaa deebi’uu ambaasaaddarichi ibsichaan eeraniiru.

Wandasan Aragaahinyiitu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.