Akka uummata tokkootti warreen badiisa Ityoophiyaa barbaadan hundaaf bakka bu’aa karoora badii isaanii ta’uu hin qabnu-MM Abiy Ahimad
Finfinnee, Eebila 20, 2014 (FBC) – Akka uummata tokkootti warreen badiisa Ityoophiyaa barbaadan hundaaf bakka bu’aa karoora badii isaanii akka taanetti akka nu fudhataniif eeyyamuu hin qabnu jedhan Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad.
Akka Uummataatti garaagarummaa keenya amannee fudhachuun umurii dhaloota hedduuf tokkummaan jiraanneerra jedhan.
Hariiroo keenya keessatti waldanda’uun barbaachisaadha jedhan ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin.
Hawaasa keenya keessatti garaagarummaa bal’isuurraa garaagarummaa jiru walitti fuduuf haa hojjennu jedhaniiru.
Namummaan qooddannu kana akka goonuuf ni dirqamsiisa;
Haleelleen tokko balleessuuf Ityoophiyaa keessatti raawwatamu hunda keenyarratti kan raawwatamudha jedhaniiru ergaasaaniin.
Kan balleesse balaaleffachuun kan miidhame waliin dhaabanna malee badicha itti caalchisuuf yaaluu hin qabnu jechuun dhaamaniiru.
Nageenya Ityoophiyaarraa malee jeequmsa Ityoophiyaarraa kan buufatu kan hin jirre ta’uu ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.