Fana: At a Speed of Life!

Fooramiin mootummaa fi abbootii qabeenyaa magaalaa Ambootti gaggeeffame

Finfinnee, Eebila 20, 2014 (FBC) – Fooramiin mootummaa fi abbootii qabeenyaa magaalaa Ambootti gaggeeffameera.
Fooramii kana irratti abbootti qabeenyaa bulchinsa magaalaa Amboo, abbootii gadaa, Abbootii Amantaa fi qaamoleen biroo argamaniiru.
Fooramichaan haala abbootiin qabeenyaa invanstimentii bulchinsa magaalichaa cimsuu danda’an irratti yaadni ka’umsaa dhiyaateera.
Yeroo ammaa bulchinsa magaalaa Amboo keessatti proojektiiwwan gosa garaagaraa 72 abbootii qabeenyaan hojjetamaa jiraachuu Waajjirri Invastimentii fi Indaastirii bulchiinsa magaalichaarraa himeera.
Bulchinsa magaalaa Ambootti abbootii qabeenyaa lafa fudhachuun hojii keessaa hin galle 12 waliigaltee isaanii addan kutuus himameera.
Bulchiinsi magaalaa Amboo yeroo itti aanu abbootii qabeenyaa hojii invastimentii keessa galuuf eeyyama fudhatan hojii keessaa galuu hin dandeenye irratti tarkaanfii kan fudhatu ta’uu eerameera.
magaalichatti proojektiiwwan gosa garaagaraa 28 hirmaannaa abbootii qabeenyaa fi baajata bulchiinsa magaalaan Birrii miliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 21 hojjetamaa jiraachuu hojii gaggeessaan bulchiinsa magaalaa Amboo Obbo Yeroosan Araggaa himaniiru.
Gammachuu Beekumaatu gabaase.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.