Fana: At a Speed of Life!

Qaamolee rakkoo nageenyaa uumame keessaa harka qabanirratti mootummaan tarkaanfii barsiisaa ta’e fudhachuu qaba – Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Waliigalaa Ityoophiyaa

Finfinnee, Eebila 20, 2014 (FBC) – Qaamolee rakkoo nageenyaa Goondaritti uumame keessaa harka qabanirratti mootummaan tarkaanfii barsiisaa ta’e fudhachuu akka qabu Manni Maree Dhimmoota Islaamummaa Ityoophiyaa gaafateera.
Preezdaantiin Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Waliigalaa Ityoophiyaa Dursaa Muftii Hajii Umar Idiriis Dhimmicha ilaalchisee ibsa laataniiru.
Haleellaa magaalichatti qaqqabeen lubbuun namoota hedduu darbuu, qabeenyi barbadaa’uu fi saamamuu eeruun, qaamoleen gochaa kana keessaa harka qaban seeratti dhiyaachuu akka qaban gaafataniiru.
Qaamoleen afaaniin nageenya lallabaa,cinaan ammoo uummata obboleewwanii wal ajjeechisiisuuf hojjetan jiraachuu kaasuun, mootummaan qaamolee kanneen irratti tarkaanfii seeraa fudhachuu akka qabu gaafataniiru.
Amantaan kamiiyyuu ajjeechaa hin barsiisu kan jedhan Preezdaant Muftii Hajii Umar Idiris, abbootiin amantaa uummanni akka tokkoomu barsiisuu qabu jedhan.
Hordoftoonni amantaa Kiristiyaanaas ta’ee Musiliimaa qaamolee badii kanneen saaxiluu akka qaban gaafataniiru.
Alamsaggad Asaayyeetu gabaase.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.