Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbatichi Gaanfa Afrikaatti hongee qolachuuf kan oolu deeggarsa doolaara biiliyoona 1 taasisuuf waadaa gale

Finfinnee, Eebila 19, 2014 (FBC) – Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii yaa’ii Jeneevaatti gaggeesseen Gaanfa Afrikaatti hongee qolachuuf kan oolu deeggarsa doolaara Ameerikaa biiliyoona 1 taasisuuf waadaa galeera.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti waajjirri qindeessaa dhimmoota namoomaa ibsa baaseen, maallaqni dhaabbilee deeggartootaarra walitti qabame kun biyyoota hongeen miidhaman Ityoophiyaa, Keeniyaa fi Somaaliyaaf ta’uu eerameera.

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii akka ibseetti, Somaaliyaatti lammiileen miiliyoona 6 ol hanqina nyaata keessaatti kan argaman yoo ta’u, Keeniyaatti ammoo lammiileen miiliyoonni 3.5 akkasumas Ityoophiyaatti lammiileen miiliyoonni 6.5 hanqina nyaataaf saaxilamusaanii ragaan dhaabbatichaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.