Fana: At a Speed of Life!

Godinichatti sassaabbii oomisha qamadii jallisii taasifameen lafa heektaara kuma 53rraa kuntaalli miiliyoonni 2 ol argamuu ibsame

Finfinnee, Eebila 18, 2014 (FBC) –Godina Shawaa Bahaa aanaalee 10 keessatti sassaabbii oomisha qamadii jallisii taasifameen lafa heektaara  kuma 53rraa kuntaalli miiliyoonni 2 ol argamuu ibsameera.

Sassaabbii oomisha qamadii taasifameen lafa heektara kuma 53 irraa kuntaalli miiliyoonni 2 ol argamuu Waajjirri Qonnaa Godina Shawaa Bahaa beeksiseera.

Oomishaa qamadii biyya alaatii galu oomisha biyya keessaatiin bakka buusuuf bonaa jallisiidhaan ganna ammoo roobaan qamadii oomishuun badhaadhinna maatii sadarkaa hundaatti fiduuf xiyyeeffannaan hojjataa jiraachuu hogganaan waajjirichaa obbo Masfin Tashoomaa ibsaniiru.

Oomishni jallisii irraa argachaa jiran oomisha yeroo gannaa kan caaluu fi baasii keemikaalotaaf baasaa turan kan qusatu ta’uu qonnaan bultoonni ibsuu ragaan Waajjira Kominikeeshinii godinichaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.