Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Harariitti haleellaa boombii hoteela tokkorratti raawwateen shakkamtoonni  to’atamuu ibsame

Finfinnee, Eebila 18, 2014 (FBC) – Magaalaa Harariitti haleellaa boombii hoteela tokkorratti raawwateen shakkamtoonni  to’atamuu Komishiniin Poolisii naannoo Hararii beeksiseera.

Magaalichatti haleellaa boombii hoteela iddoo Shankooraa ganda 09 jedhamee waamamu keessatti  argamurratti raawwatameen shakkamtoonni 4 to’atamuu komishinichi ibseera.

Komishinarri komishinii poolisii naannichaa Nasrii Zakaariyaan dhimmicha ilaalchisee ibsa miidiyaalef laataniin, haleellichi guyyaa Hiikaa/ Faasikaa galgala keessaa naannoo sa’aatii 2:45 hoteela Yood jedhamurratti raawwachuu fi haleellichaan  namoota 8 irratti miidhaan qaqqabuu ibsaniiru.

Namoota miidhaan irra ga’e keessaa 4 wal’aansi yaalaa salphaan taasifameefii yeroo dhuma sana gara mana isaaniitti deebi’uu fi warren hafanis haala yaaddessaarra kan hin jirre ta’uu eeruu isaanii miidiyaan naannichaa gabaaseera.

Poolisiin dhimmicha itti dhiyeenyaan hordofaa jiraachuu ibsuun, haleellichaan walqabatee namoonni shakkaman 4 to’atamuun qorannoo irratti gaggeeffamaa jiraachuu himaniiru.

Bu’aan qoranichaa akka xumurameen hawaasaaf kan ifoomsan ta’uu kaasaniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.