Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan Ityoophiyaa du’aan boqochuu Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Maaliin gaddi guddaan itti dhaga’amuu ibse

Finfinnee, Eebila 18, 2014 (FBC) – Mootummaan Ityoophiyaa du’aan addunyaa kanarraa boqochuu Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Maalii Chaarlas Piitar Moosaan gaddi guddaan itti dhaga’amuu ibseera.

Ambaasaaddar Chaarlas Piitar Moosaan biyyasaanii ambaasaaddarummaan tajaajiluurra darbee Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti bakka bu’aa dhaabbii Komishinii Diinagdee Afrikaa ta’uun tajaajiluu ragaan Ministeera Dhimma Alaa FDRIrraa argame ni mul’isa.

Ambaasaaddarichaaf magaalaa Finfinneetti wal’aansi taasifamaa turuu fi guyyaa kaleessaa boqochuu eerameera.

Mootummaan Ityoophiyaa  du’aan boqochuu amabaasaaddarichaan gaddi guddaan itti dhaga’amuu ibsuun, Mootummaa Maalaawwii, Uummata, maatii, hiriyootaa fi waa’ellan hojii isaaniif jajjabina hawweera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.