Fana: At a Speed of Life!

Jiraattonni magaalaa Amboo waadaan sadarkaa biyyaatti hojii misoomaa magaalichaaf galame hojiirra oola hin jiruun komatan

Finfinnee, Eebila 18, 2014 (FBC) – Jiraattonni magaalaa Amboo waadaan sadarkaa biyyaatti hojii misoomaa magaalaa Amboof galame yeroon hojjirra ooluu dhaabuun guddina magaalichaa irratti dhiibbaa uumaa jira jechuun komii qaban himaniiru.

Jiraattonni godinicha sirnoota darban keessaa hawaasni godinichaa gaaffii misoomaaf qabu, yeroo gaafachaa turetti aarsaa hin mallee kaffalaa tureera jedhu.

Ammas hojii misoomaa magaalaa Amboof waadaan galamee duubatti harkifachaa jiraachuu kan dubbatan  jiraattonni magaalaa Amboo, qaamoleen dhimmichi ilaallatu waliin ta’uun waadaa nuf galamee hojiirra oolchuu qabu jedhaniiru.

Bulchiinsi magaalaa Amboo gamaa isaatiin, komiin hawaasa godinichaa irraa ka’uu sirrii ta’uu eeruun, maddi harkifannaa  hojii misoomaa magaalicha, haqinaa fi sirnaan wal dubbisuu dhabuu bulchiinsa magalaa Amboo  fi koree hojii misooma magaalaa Ambooti jedha.

Kana malees dhaabbileen  hojii misoomaa magaalichaa waadaa galan hojiirra oolchaa hin jiranii jedhu kantiibaan Magaalaa Amboo Obbo Hacaaluu Gammachuu.

Maallaqaa misoomaa magaalaa Amboof waadaa galame keessaa Birrii miiliyoona 88 herrega baankii hin sochonee keessaa jira jedhu obbo Hacaaluun.

Birriichaan giddugala magaalaa Amboo ijaarsisuuf hojjetaa jirra jedhaniiru.

Gammachuu Beekumaatu gabaasee

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.