Fana: At a Speed of Life!

Jilli Preezdaant Musxafee Mahaammadiin durfamu Goodee gale

Finfinnee, Eebila 18, 2014 (FBC) – Jilli Preezdaantii naannoo Somaalee obbo Musxafee Mahaammadiin durfamu godina Shabelee magaalaa Goodee galeera.

Jilichaan Preezdaantiin naannoo Somaalee obbo Musxafee Mahaammad dabalatee itti gaafatamaan waajjira preezdaantii naannoo Somaalee Dooktar Huseen Qaasiim, hogganaan biiroo hoggansa sodaa balaa naannichaa obbo Ahimad Yaasiin Ibrahiimii fi Ityoophiyaatti dhimma raawwachiiftuun imbaasii Ameerikaa Ambaasaaddar Jaakoobsaanii fi hoggantoonni imbaasichaa haammatamaniiru.

Jilichi wayita Goodee gahu hoggantoota godina Shabelee fi jaarsolii biyyaa simannaa taasisuufi ragaan biiroo kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Jilichi turtii isaan dhimmoota hongee ittisuu fi hojii faala waaraa yeroo itti aanuurratti ni mari’ataan eegama.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.