Fana: At a Speed of Life!

Obbo Ahimad Shiideen hoggantuu dhaabbata gargaarsaa Ameerikaa Saamaantaa Paawor waliin mari’atan

Finfinnee, Eebila 18, 2014 (FBC) – Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shiideen hoggantuu dhaabbata gargaarsaa Ameerikaa/USAID Saamaantaa Paawor waliin dhimmoota deeggarsa diinagdee biyyoota lameeniirratti mari’ataniiru.

Obbo Ahimad Shiideen hoggantuu USAID Saamaantaa Paawor waliin dhimmoota siyaasaa fi diinagdeerratti mari’achuu eerameera.

Mariin isaanii Ityoophiyaatti rakkoolee sababa waraanaan uumaman, naannawichatti beela uumamee fi hanqina nyaataa sababa dhiibbaa idil addunyaatiin uumaman irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsameera.

Haala birmadummaa biyyaa, faayidaa fi fedhii uummataa kabachiiseen mootummaan hojiilee deeggarsaa, nageenya kabachiisuu fi hirmaannaa siyaasaa guddisuu hojjechaa jiraachuu obbo Ahimad Shiideen marichaan ibsaniiru.

Dabalataanis haala qabatamaa dhiyeessii deeggarsa namoomaa naannolee Affaar, Amaaraa fi Tigraay ilaalchisee ibsa taasisaniiru.

Haala dhaabbatichi naannawichatti wabii nyaataa mirkaneessuuf deeggarsi taasisu cimee itti fufuu danda’urratti mari’achuus ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.