Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan deeggarsa meeshaalee waraanaa Yuukreeniif taasiftu dhaabuu qabdi – Raashiyaa

Finfinnee, Eebila 17, 2014 (FBC) – Ameerikaan deeggarsa meeshaalee waraanaa Yuukreeniif taasiiftu akka dhaabdu Raashiyaan akeekkachiifteerti.
Ameerikaan meeshaalee waraanaa hedduu Yuukreeniif ergaa turuu Waashingitan DCtti Ambaasaaddari Raashiyaa Anaatoolii Antoonoov eeraniiru.
Gochaan kun sirrii kan hin taanee fi fudhatama kan hin qabne ta’uu ibsaniiru.
Ameerikaan gochaa kanarraa of qusachuu akka qabdu turtii Buufata Teeleeviizhiinii Roosiyaa 24 waliin taasiisaniin himaniiru.
Meeshaaleen waraanaa kun dhimmicha caalmaatti kan cimsu ta’uu Ambaasaaddarichi hubachiisaniiru.
Ameerikaan jalqaba Baatii Eebilaa deeggarsa meeshaalee waraanaaf kan oolu Doolaara miiliyoona dhibba 8 Yuukreeniif kan taasiiftu ta’uu Preezdaantiin Ameerikaa Joo Baayidan dubbachuu Ilnaa Niwus gabaaseera.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.