Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin hariiroo “obbolummaa Oro-Somaalee nageenya waaraaf” jedhuun gaggeeffame milkiin xumurame

Finfinnee, Eebila 16, 2014 (FBC) – Waltajjiin hariiroo “obbolummaa Oro-Somaalee nageenya waaraaf” jedhuun Godina Harargee Bahaa Aanaa Gooroo Guutuutti gaggeeffame milkiin xumurameera.

Walitti dhufeenya ummata naannolee lamaanii caalmaatti cimsuufi jedhame.

Naannoo daangaatti sababa dheedumsaa fi bishaaniin walitti bu’iinsa darbee darbee uumamaa ture furuuf waltajjiin araaraa gaggeeffameera.

Mariin nageenyaa fi obbolummaa Oro-Somaalee cimsu kun qaamolee hawaasa garaagaraa Aanaa Bikkee Gootaa, Ereer Gootaa fi Aanaa Gooroo Guutuu irraa walitti babba’an Abbootii Gadaa, Abbootii Amantaa, Caasaa nageenyaa fi gaggeessitoonni sadarkaa sadarkaan jiran irratti hirmaachuun rakkoo naannoo daangaatti darbee darbee muul’atu dhabamsiisuu karaa danda’amuun walii galuun xumurameera.

Itti Aanaan Bulchaa Godina Harargee Bahaa obbo Ayyaalew Taakkalaa waltajicharraatti ergaa dabarsaniin Ummanni Oromoo fi Somaalee ummata hortee kuush, ummata tokko, ummata Amantaa fi aadaa tokko qabu, walirraa fuudhee waliin jiraataa jiruudha erga jedhanii, ummata kana lamaan jidduu deemee dubbii ho’isuun walitti bu’insa uumuu kan barbaadu caasaa mootummaas ta’ee kan biraa gochasaarraa of qusachuu akka qabu dhaamaniiru.

Sagantaan afxiraa qophaa’uun waliin nyaatanii dhuguun eebbaan wal gaggeessuu isaanii ragaan waajjira komunikeshinii Godinichaarraa arganne ni muul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.