Fana: At a Speed of Life!

Qaamoleen deeggarsa meeshaalee fayyaa naannoo Tigraayiif dhiyeessan kaayyoo barbaadameef oola jiraachuu mirkaneessuu qabu jedhame

Finfinnee, Eebila 15, 2014 (FBC)-Dhaabbileen deeggartoota meeshaalee yaalaa naannoo Tigraayiif dhiyeessan  kaayyoo barbaadameef akka oolan mirkaneessuu qabu jedhan Komishinarri Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa Biyyaalessaa Mitikkuu Kaasaa.

Komishinar Mitikkuu Kaasaa mootummaan Ityoophiyaa dhaabbilee gargaartootaaf haala mijaata uumuun naannoo Tigraayiif deeggarsi akka qaqqabuuf hojjecha jira jedhan.

Hanqinni qorichootaa fi yaalaa naannoo Tigraay qofa osoo hin taane guutummaa Ityoophiyaatti kan muudatu ta’uu himun, dhimmi naannoo Tigraay dhimma siyaasaa taasisuu qaamoleen barbaadan rakkinnicha kan naannoo Tigraayi qofa fakkeessuun dogoggora ta’uus hubachiisaniru.

Maddi:-TOI

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.