Fana: At a Speed of Life!

Biirichi ayyaana Faasikaa fi soomaa hiikaa Ramadaanaa sababeeffachuun namoota miiliyoona 1.1 oliif deeggarsa taasise

Finfinnee, Eebila 15, 2014 (FBC)-Biiroon Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Oromiyaa ayyaana Faasikaa fi hiikaa sooma Ramadaanaa sababeeffachuun dubartootaa fi daa’imman walumaagalatti namoota miiliyoona 1.1 oliif deeggarsa garaagaraa taasiseera.

Biirichi hojii kenna tajaajila lammummaa irratti xiyyeeffachuun lammiilee harka qalleeyyii itti fufiinsan turtii ji’a tokkoof magaalotaa fi Godinaalee garaagaraa keessatti deeggarsa taasisaa tureen dubartootaa fi daa’imman sababa adda addaatiin rakkoof saaxilaman miiliyoona 1 fi kuma dhibba 1 fi kuma 65’f deeggarsa garagaraa taasisuu beeksiseera.

Hooggantuun Biirichaa Aadde Jamiilaa Simbiruu jala bultii ayyaana Faasikaa sababeeffachuun magaaloota Buraayyuu, Duukamii fi Bishooftuutti namoota harka qalleeyyi ta’aaniif ayyaana akka ittiin oolaniif Hoolaa, lukkuu, zayta nyaataa, maallaqaa fi uffataa deeggarsa taasisuu  ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.