Fana: At a Speed of Life!

Tapha pirimeerliigii Ingilaand Arseenaalii fi Maanchistar Yuunayitid gidduutti geggeeffame olaantummaa Arseenaaliin goolabame

Finfinnee, Eebila 15, 2014 (FBC)-Tapha pirimeerliigii Ingilaand torbee 34ffaa Arseenaaliifi Maanchistar Yuunayitid gidduutti geggeeffame olaantummaa Arseenaaliin goolabameera.

Tapha pirimeerliigii Ingilaandi Arseenaalii fi Maanchistar Yuunayitid gidduutti geggeeffame Arseenaal galchii 3 fi 1’n injifateera.

Galchiiwwan injifannoo Arseenaal Nuunoo Taavaareez, Bukaayyoo Saakaa fi Giraanit Zhaakaaan yoo lakkoofsisan galchii tokkitti Maanchistar Yuunayitid argate Kiristaanoo Ronaaldoo lakkoofsiseera.

Arseenaal injifannoo Maanchistar Yuunayitid irratti galmeesseen sadarkaa 4ffaa liigichaa yoo qabatu carraa hirmaannaa Chaampiyoonsi Liigii Awurooppaa bara dhufuu ballifateera.

Iddoosaa Abdiitiin

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.