Biirichi baatiiwwan 9 darbanitti galii Birrii biiliyoona 43 ol walitti qabuu beeksise
Finfinnee, Eebila 12, 2014 (FBC) – Biiroon Galiiwwanii magaalaa Finfinnee baatiwwan 9 darbanitti galii Birrii biiliyoona 43 fi miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 57 fi kuma 43 ol walitti qabuu beeksise.
Biirichi baatiwwan 9 darbanitti galii Birrii biiliyoona 37 fi miiliyoona dhibba 3 fi miiliyoona 40 fi kuma 41 walitti qabuuf karoorfatee Birrii biiliyoona 43 fi miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 57 fi kuma 43 ol walitti qabuu eereera.
Galichi kan bara darbee yeroo walfakkaatuun yoo madaallame Birrii biiliyoona 10 fi miiliyoona dhibba 8 fi miiliyoona 45 ol caalmaa qabaachuu ragaan Biiricharraa argame ni mul’isa.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.