Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbanni Qalmaa Magaalaa Finfinnee Ayyaana Hiikaaf qophii xumuruu ibse

Finfinnee, Eebila 12, 2014 (FBC) – Dhaabbanni Qalmaa Magaalaa Finfinnee Ayyaana Hiikaaf qophii barbaachisu xumuruu ibseera.

Dhaabbatichi ayyaanicha sababeeffachuun horii gaanfaa kuma 3 fi hoolotaa fi re’oota kuma 5 qalmaaf qopheessuu ibseera.

Horii qalmaa hawaasarraa gara dhaabbatichaa dhufan keessummeessuuf maashiniiwwan qalmaa qopheessuu eereera.

Guyyichatti hanqinni humni namaa akka hin mudanneef hojjettoota yeroo 200 ramaduu dhaabbatichi ibseera.

Gama biraatiin Waldaan daldaltoota manneen foonii magaalaa Finfinnee fi waldaan daldaltoota horii dhaabbii Ityoophiyaa qophii barbaachisu xumuruu turtii Faanaa Broodkaastiing Korporeet waliin taasisaniin ibsaniiru.

Horii qalmaa kuma 30 – 40 ta’an  gara gabaawwan beelladaa magaalichaa galchuun danda’amuu ibsameera.

Zabiib Taklaayitu gabaase.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.