Fana: At a Speed of Life!

Wayita Ayyaanaa hanqinni humna Elektirikaa akka hin mudanneef hojiin qophii duraa hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Eebila 12, 2014 (FBC) –Ayyaanni Hiikaa fi Iid Alfaxir dhiyaachuu hordofee hanqinni humna Elektirikaa akka hin mudanneef hojiin qophii duraa hojjetamaa jiraachuu Tajaajilli Elektirika Ityoophiyaa beeksise.
Jala bultii ayyaanoota kanneenii jalqabee hanqinni Humna Elektirikaa akka hin mudanne hojiin dursaa hojjetamaa jiraachuu fi rakkoon wayita mudates saffisaan deebii laachuuf Koreen Suphaa hundaa’ee gara hojiitti galuu ibsameera.
Warshaalee Simantoo fi Indaastiriiwwan oomishaalee gara alaatti ergaman oomishaniin ala Indaastiriiwwan biroon hundi guyyaa jala bultii galgala sa’aatii 12:00 eegalee hanga guyyaa ayyaanaa sa’aatii 6:00tti Kuusaa olaanaarratti humna fayyadamuu dhiisuun deeggarsa barame akka taasiisan dhaabbatichi gaafateera.
Hawaasni humna jirutti sirnaan fayyadamuu akka qaban ibseera.
Keessattuu wayita dhiibbaan hin baay’anne Halkan Sa’aatii 4:00 eegalee hanga Barii Sa’aatii 11:00tti fayyadamuun dhiibbaa hanqina humnaa ga’uu danda’u furuuf qooda isaanii akka ba’an hubachiisuu ragaan Tajaajila Elektirikaa Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.