Fana: At a Speed of Life!

Qopheessummaa Daandii Qilleensaa Ityoophiyaan sagantaan Afxiraa gaggeeffame

Finfinnee, Eebila 11, 2014 (FBC) –Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa Sooma Ramadaanaa sababeeffachuun sagantaa Afxiraa gaggeesseera.

Sooma Ramadaanaa akkuma waaqayyoon ajajuun tokkummaa fi waloon dabarsuun barbaachisaa ta’uu qophicharratti kan argaman Preezdaantiin Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Waliigalaa Ityoophiyaa Hajii Muftii Umar Idiris ibsaniiru.

Aadaa wayita Ramadaanaa kan hin qabneef qooduu qabnu cimsinee itti fufuu qabna jedhan.

Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa imaltoota Hajii fi Umraa Ityoophiyaa fi biyyoota Afrikaaf maamila bara dheeraa ta’uu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Daandii Qilleensaa Ityoophiyaa obbo Masfin Xaasaw ibsaniiru.

Yeroo itti aanuus Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa tajaajila laatu cimsee kan itti fufu ta’uu eeraniiru.

Sagantaa Afxiraa kanarratti Dubbii Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii, Walitti qabaan Boordii Hoggansa Daandii Qilleensaa Ityoophiyaa obbo Girmaa Waaqee, Abbootiin Amantaa Islaamaa gurguddoo fi hordoftoonni amantichaa,akkasumas Ambaasaaddaroonni biyyoota garaagaraa argamuu ibsameera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.