Fana: At a Speed of Life!

Biiroon Daldala Oromiyaa hanqinaalee meeshaalee bu’uraa furuuf dhiyeessii irratti hojjechaa jiraachuu beeksise

Finfinnee, Eebila 11, 2014 (FBC) – Biiroon Daldala Oromiyaa hanqinaalee meeshaalee bu’uraa furuuf dhiyeessii irratti hojjechaa jiraachuu beeksiseera.

Biirichi  hanqina meeshaalee bu’uraa yeroo ayyaanaatti mudachuu malu hambisuuf dhiyeessii dabaluuf hojjechaa jiraachuu Hooggantuun Biirichaa Aadde Hawwaa Ahimad ibsaniiru.

Ayyaanota sooma hiikaa fi Ramadaanaan wal qabatee fedhiin meeshaalee bu’uuraa dabaluu mala yaada jedhu tilmaama keessa galchuun fedhii fi dhiyeessii wal simsiisuuf kanneen daldaltoonni dhiyeessaniin cinatti biirichi gama  Waldaalee Hojii Gamtaa, Yuuniyeenotaa fi Waldaalee Shammattootaa Zayita, Sukkaara, Qullubbii adii fi diimaa, kaarotaa fi dhiyeessii nyaataa kan biroo fayyadamtootaan ga’uuf xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jiraachuu Aadde Hawwaan ibsuu isaanii ragaan Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.