Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti xaa’oon uumamaa meetirik kiyuubiin miiliyoonni 40.9 ol qophaa’uu ibsame

Finfinnee, Eebila 11, 2014 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti xaa’oon uumamaa meetirik kiyuubiin miiliyoonni 40 fi kumni dhibbi 9 ol qophaa’uu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksise.

Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Abarraa Warquun bara oomishaa 2014/15tti gatiin xaa’oo dabaluun oomishaa fi oomishtummaa irratti hanqinni akka hin uumneef tattaaffiin taasifamaa jiraachuu himaniiru.

Hanqina xaa’oo nam-tolchee xaa’oo uumamaan bakka buusuuf sadarkaa naannootti meetrik kiyuubii miiliyoona 54 qopheesuuf hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Adeemsa hanga yoonaatti jiruun xaa’oon uumamaa meetrik kiyuubiin miiliyoonni 40.9 qophaa’uu obbo Abarraan ibsaniiru.

Naannichatti lafa heektaara miiliyoona 1.2 ol qonna arfaasaa fi misooma jallisii arfaasaan uwwisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu eeraniiru.

Maddi:- TOI

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.