Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Galaaniitti oomishaa fi oomishtummaa dabaluuf hojiin jallisiitti fayyadamuun hojjetamaa jiru abdachiisaadha jedhame

Finfinnee, Eebila 11, 2014 (FBC) –Bulchiinsa Magaalaa Galaaniitti oomishaa fi oomishtummaa qonnaa dabaluuf hojii jallisiitti fayyadamuun hojjetamaa jiru abdachiisaadha jedhameera.

Kantibaan Magaalaa Galaan Aadde Wayinisheet Gizaaw, qonna magaalaarratti xiyyeeffachuun badhaadhina maatii milkeessuuf hojiin hojjetamaa jiru daran cimee itti fufa jedhaniiru.

Magaalichatti lafti hektaara 16 irratti qamaadiin jallisiin faca’e haala gaarii irratti argamuu ibsaniiru.

Qonnaan bultoonni magaalichaas hojii qonna magaalichaas bonaa fi ganna paakeejii qonnaa guutuutti gargaaramuun akka oomishanii fi muuxannoon hojii kuniis qonnan bultoota hunda biratti akka babbal’atuuf ni hojjetama jedhaaniiru.

Itti Gaafatamaan Kilaastera Qonnaa Magaalichaa Obbo Gammachuu Yohaannis gama isaaniin misooma jallisii kanaan kuduraa fi muduraan marsaa 2ffaa lafa heektaara 45 oomishamaa jiraachuu ibsaniiru.

Qonnaan bultoonni hojii misooma jallisii irratti bobba’aanii hojjechaa jiranis hojii misooma jallisii kana irraa fayyadamaa jiraachuu himuu isaanii ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa naannoo Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.