Fana: At a Speed of Life!

Nageenya mirkaneessuuf hirmaannaan ummataa murteessadha – Dooktar Qana’aa Yaadataa

Finfinnee, Eebila 10, 2014 (FBC) – Nageenya waaraan mirkaneessuuf hirmaannaan ummataa murteessaa ta’uu Hogganaan Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa Magaalaa Finfinnee Dooktar Qana’aa Yaadataa ibsaniiru.
Biiroon Bulchiinsaa fi Nageenyaa Magaalaa Finfinnee miseensota Raayyaa ummataaf leenjii guyyoota lamaaf turu laachuu eegaleera.
Nageenyaa magaalaa Finfinnee waaraan mirkaneessuuf leenjii qophaa’e ta’uu ibsameera.
Hirmaannaa ummataa malee nageenya mirkaneessuun waan hin danda’amneef nageenya magaalichaa waaraan mirkaneessuuf leenjiin kun barbaachisaa ta’uu Hogganaan Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa Magaalaa Finfinnee Dooktar Qana’aa Yaadataan ibsaniiru.
Nageenya magaalaa Finfinnee mirkaneessuuf hawaasni naannoo isaa dammaqinaan eeguu akka qabu Hojii Raawwachiisaa olaanaan Kutaa Magaalaa Qiirqoos obbo Zamanuu Dassaalenyi ibsaniiru.
Leenjiin guyyaa har’aa laatamuu eegale hojii nageenya magaalichaa mirkaneessuuf hojjetamaa jiru caalmaatti kan cimsu ta’uu ragaan Waajjira Kaantibaa Magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.