Fana: At a Speed of Life!

Biiroon Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Oromiyaa yuunvarsiitiiwwanii fi kolleejjota waliin mari’ataa jira

Finfinnee, Eebila 10, 2014 (FBC) – Biiroon Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Oromiyaa yuunvarsiitiiwwanii fi kolleejjota waliin mari’ataa jiraachuu ibsame.

Biirichi dandeettii carraa hojii uumuu waggoottan shanan dhufan Oromiyaan qabdurratti  magaalaa Adaamaatti marii gaggeessaa jiraachuu eerameera.

Maricharratti preezdaantonni yuunvarsiitiiwwan mootummaa naannicha keessa jiranii fi diiniiwwaan poolii teeknikii akkasumas kanneen dhimmichi kallattiin ilaallatu argamaniiru.

Waltajjiicharratti yuunvarsiitiiwwan mootummaa Oromiyaa keessa jiran haala isaan kolleejjiwwan poolii teknikii naannawaasaaniitti argaman waliin walta’iinsaan hojjechuu danda’anirratti yaadni marii ka’eera.

Yaadicharrattis marii bal’aan erga adeemsifamee booda waliigalteen waliin hojjechuu kan malleetteeffamu ta’uu ibsameera.

Yuunvarsiitiiwwanii fi kolleejjonni naannicha keessa jiran walitti hidhamiinsa uumuun haala waliin hojjechuu danda’amurratti waliigalteerra ni ga’u jedhee eegama.

Marichaan kuufama carraa hojii bifa saayinsawaa ta’een adda baasuun hojiirra kan oolu yoo tahu, qorannoon kunis waggoota lama lamaan kan sakatta’amu ta’uun waltajjicharratti ibsameera.

Maddi:- DhPI

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.