Fana: At a Speed of Life!

Godina Booranaatti balaa tiraafikaa qaqqaabeen lubbuun nama 1 yoo darbu, namoota 41 irra miidhaan qaama ga’e

Finfinnee, Eebila 10, 2014 (FBC)- Godina Booranaatti konkolaataa deddeebisa uummataarratti balaa tiraafikaa qaqqaabeen lubbuun nama 1 yoo darbu, namoota 41 irra miidhaan qaama ga’eera.

Balaan kun Guyyaa har’aa Godina Booranaa Aanaa Areeroo Magaalaa Mataa Gafarsaatti konkolaataa deddebisa uummataarra kan qaqqabee fi balaa kanaan battalumatti lubbuun nama tokkoo yoo darbu, namoota 41 irra balaan qaama salphaa fi cimaan ga’uu isaa Waajjiri Poolisii Aanichaa beeksise.

Namoota  miidhan qaama irra gahees hospitaala Areerootti yaalamaa kan jiranii fi ka’umsi balichaa qaamolee seeraatiin qoratamaa jiraachuu himan.

Konkolaachiftoonni yeroo roobaa kanatti lafti waan mucucaatuuf of eegannoon akka konkolaachisan waamichi darbu ragaan Kominikeeshinii godina Booranaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.