Fana: At a Speed of Life!

Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinneetti misooma qamadii bonneen misoome heektaararraa kuntaalli 112 argamuu ibsame

Finfinnee, Eebila 8, 2014 (FBC) – Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinneetti misooma qamadii bonneen misoome heektaararraa kuntaalli 112 argamuu ibsameera.

Jilli Ittaanaa Preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa  Obbo Awwaluu Abdiin  durfamu hoggantoota biro waliin ta’uun hojiiwwan misooma qonnaa Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee Aanaa Aqaaqii daawwate.

Misooma qamadii bonee  Aanaa Aqaaqiitti misoomeen heektaara tokkorraa kuntaalli 112 argamuun himameera.

Oomisha qamadii jallisii boneen misoomeen, heektaararraa callaan kuntaalli 112 argamuun hojii muuxannoo gaarii fi godinaalee biroo keessatti babaldhachuu  qabu ta’uu Obbo Awwaluun himaniiru.

Hojii boonsaa hojjetamaa jiruun yeroo gabaabaa keessatti nyaataan of danada’uun biyya alaatti erguu akka dandenyu kan mirkaneessudha jechuu isaanii ragaan Biiroo Qonnaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.