Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbanni “Afrikaa Elektiroonik Treed Gruup” biiroo isaa Finfinneetti banuuf akka jedhu ibsame

Finfinnee, Eebila 8, 2014 (FBC) – Dhaabbanni “Afrikaa Elektiroonik Treed Gruup” jedhamu biiroo isaa Baha Afrikaa magaalaa Finfinneetti banuuf akka ta’e beeksise.

Dhaabbatichi fedhii biyyoota miseensota Gamtaa Afrikaa bu’uureffachuun waljijjiirraa daldalaa saffisiisuu fi waliin hojjechuuf dhaabbata hundaa’e ta’uu ibsameera.

Waajjirri olaanaan dhaabbatichaa Ruwaandaa Kiigaalii yoo ta’u, qaamolee fi dhaabbilee daldalaa garaagaraa of jalatti haammachuun diinagdee ardichaa guddisuu fi carraa hojii uumuuf kan hojjetu ta’uu eerameera.

Dhaabbatichi waggoottan 4 dhufanitti hojiilee damee maayikroo fi xixiqqaa dubartootaa fi dargaggoota kuma dhibba 6 ol fayyadamoo taasisu ifoomsuuf karoora qabaachuu himameera.

Dhaabbatichi Afrikaa misoomsuu fi carraa gabaa uumuu kan uumu ta’uu dhaabbatichatti hojii raawwachiisaa olaanaan damee Ityoophiyaa Muluu’alam Siyyum ibsaniiru.

Maddi:- TOI

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.