Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan konkolaattonni deeggarsa namoomaa fe’an 50 Maqalee akka ga’aniif tattaaffii mootummaan Ityoophiyaa taasise dinqisiifatte

Finfinnee, Eebila 8, 2014 (FBC) – Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa konkolaattonni deeggarsa namoomaa fe’an 50 Maqalee akka ga’aniif tattaaffii mootummaan Ityoophiyaa taasise dinqisiifachuu ibsame.

Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Antooniyoo Bilinkan dhimmicha ilaalchisee ibsa baasaniin lammiilee naannoo Tigraayitti rakkoo keessa jiraniif deeggarsi namoomaa meetirik tooniin kumni 1 fi 700 akka qaqqabuuf qaamolee tattaaffii taasisan galateeffataniiru.

Dhaabbilee Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii jalattii fi dhaabbilee deeggarsaa biroo Ityoophiyaatti lammiilee deeggarsa barbaadaniif deeggarsa qaqqabsiisuuf tattaafatan dinqisiifataniiru.

Mootummaan Ityoophiyaa lammiilee naannoo Tigraayitti deeggarsa namoomaa barbaadaniif deeggarsi akka qaqqabuuf murtoo walitti bu’iinsa dhaabuu dabarsuun isaa kan jajjabeeffamu ta’uu Antooniyoo Bilinkan eeraniiru.

Fuuldurattis sababa waraanaa bakkeewwan hundatti lammiilee rakkoo keessa jiraniif deeggarsi namoomaa barbaachisaan akka raabsamuuf haalli mijataan uumamuu akka qabu kaasaniiru.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.