Fana: At a Speed of Life!

Gumiin Balal Marsaa 20ffaan Mata Duree ‘Ijaarsa Bu’uuraalee Nageenyaa fi Itti Fayyadama Miidiyaa’ jedhurratti gaggeeffame

Finfinnee, Eebila 8, 2014 (FBC) – Waltajjiin marii Gumii Balal Marsaa 20ffaan Mata Duree ‘Ijaarsa Bu’uuraalee Nageenyaa fi Itti Fayyadama Miidiyaa’ jedhurratti Waajjira Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti gaggeeffame.

Maricha kan dursan Itti Gaafatamaa Sabquunnamtii Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Gizachoo Gabbisaa fi Yuuniversiitii Dirree Dawwaatti Barsiisaa Seeraa, Dooktar Roobaa Peexiroos yoo ta’an, hoggaattonnii fi hayyoonnii Dhimma Nageenyaa fi Miidiyaa maricharratti hirmaataniiru.

Nageenyi waaraa kan dhufu fedhii qaama tokkoon qofa akka hin taane namuu hubachuun jalqabbii gaarii mootummaan eegale cinaa dhaabbachuun barbaachisaa ta’uu Itti Gaafatamaan sabquunnamtii Paartii Badhaadhina Damee Oromiyaa Obbo Gizaachoo Gabbisaa ibsaniiru.

Miidiyaan finxaalessummaa biyya keenyatti daangaa uumamaa darbuun madda wal dhabdee ta’aa jiru kanneen hir’isuu keessatti gaheesaa bahuu akka qabu dhaamaniiru.

Dooktar Roobaa Peexiroos Muuxannoo biyyoonni garaagaraa rakkoo waloo isaanii karaa nagaan furatan dhiyeessuun nagaa fiduun gahee qaama hundaa ta’uu eeraniiru.

Mootummaan nagaa buusuu keessatti dirqama dachaa qabaachuu fi olaantummaa seeraa kabachiisuun dhimmoota rakkoo nageenya biyyattii danqan furuu akka qabu eeraniiru.

Miidiyaanis nagaa buusuu fi fiduu keessatti shoorri qabu jabaa ta’uu hubachuun Ogeessonni Miidiyaa fi Rogeessitoonni Miidiyaa Hawwaasaa miira itti gaafatamummaan miidiyaatti fayyadamuu qabuu jedhaniiru.

Nagaa waaraa fiduuf waliigalteen biyyolessaa dhugaarratti hundaa’e murteessaa ta’uu fi jalqabbiin gaarii gama Mootummaan jalqabame ammallee tumsa qaama hundaa kan gaafatu ta’uu kaasaniiru.

Yaaddessaa Geetaachootu gabaase.

tyoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.