Fana: At a Speed of Life!

MM Abiy Ahimad Godina Shawaa Kaabaa aanaa Saayaadaabbirii fi Waayyuutti misooma qamadii daawwatan

Finfinnee, Eebila 7, 2014 (FBC)- Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad naannoo Amaaraa Godina Shawaa Kaabaa aanaa Saayaadaabbirii fi Waayyuutti misooma qamadii daawwataniiru.

MM Abiy Ahimad aanichatti qamadii lafa heektaara 167 irratti misoomaa jiru  kan daawwatan yoo ta’u, aanichattis lafti heektaarri 260 qamadii jallisii boneetiin misoomaa jiru daawwataniiru.

Godina Shawaa Kaabaatti bara kana lafti heektaarri kumni 25 ol qamadii jallisiitin kan misoome yoo ta’u, kanneen keessaayyis oomishni kuntaallii kumni 90 kan eegamu ta’uu ibsameera.

Alaayyuu Garammuutu gabaase

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.