Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaanonni kumni 1 fi 245 Saa’ud Arabiyaarraa gara biyyaa deebi’an

Finfinnee, Eebila 7, 2014 (FBC) – Guyyaa har’aa balallii marsaa sadiin taasifameen Ityoophiyaanonni kumni 1 fi 245 Saa’ud Arabiyaarraa gara biyyaa deebi’uu ibsameera.

Lammiilee kanneen keessaa 686 dubartoota, 368 dhiirotaa fi 191 daa’imman ta’uu beekameera.

Lammiilee kanneeniif deeggarsaa fi kunuunsa barbaachisaa taasisuun bakkeewwan tursiisaa qophaa’eefitti geessifamuu ragaan Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaarraa argame ni mul’isa.

Hojii lammiilee Ityoophiyaa Saa’ud Arabiyaa jiran gara biyyaa deebisuu hojjetameen hanga ammaatti lammiileen Kumni 9 fi 700 ol deebi’uu ibsameera.

Alaayyuu Garamawtu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.