Fana: At a Speed of Life!

Baatiwwan salgan darbanitti Oomisha Bunaa alaatti ergamerraa Doolaarri miiliyooni 894 ol argame

Finfinnee, Eebila 7, 2014 (FBC) – Baatiwwan salgan darbanitti Oomisha Bunaa alaatti ergamerraa galiin Doolaarri miiliyoonni dhibbi 8 fi miiliyoonni 94 ol argamuu Abbaan Taayitaa Bunaa fi Shaayii Ityoophiyaa beeksiise.
Abbaan Taayitaa Bunaa fi Shaayii Buna oomishuu eegalee hanga alatti erguutti bifa qindaa’aan hojjechaa jiraachuu Itti aanaan Daayrektara olaanaa Abbaa Taayitichaa obbo Shafii Umar ibsa laataniin eeraniiru.
Bara oomishaa kana Bunni Tooniin Kumni dhibbi 2 fi kumni 10 gara alaatti argemuu eeruun, kunis kan bara darbee yeroo walfakkaatuun yoo madaallame % 43.66 caalmaa qabaachuu himaniiru.
Galiin hanga ammaatti argame kan bara darbee yeroo walfakkaatuun yoo madaallame % 74.2 caalmaa qabaachuus ragaan Abbaa Taayiticharraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.