Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan biyyoota Lixaa gurmeessuun meeshaalee waraanaa Yuukreeniif dhiyeessaa jirtuuf gatii ni kaffalti – Raashiyaa

Finfinnee, Eebila 5, 2014 (FBC) – Ameerikaan biyyoota Lixaa gurmeessuun meeshaalee waraanaa Yuukreeniif dhiyeessuu yoo hin dhaabne tarkaanfii kan fudhattu ta’uu Raashiyaan akeekkachiifte.
Ameerikaan meeshaalee waraanaa Yuukreeniif dhiyeessaa jiraachuu Raashiyaan bira ga’uu Itti aanaan Ministira Dhimma Alaa Raashiyaa Sargeey Raayyaabkoov ibsaniiru.
Biyyoonni Lixaa qindeessummaa Ameerikaan Yuukreeniif meeshaalee waraanaa dhiyeessaa jiraachuu Sargeey Raayyaabkoov eeraniiru.
Sargeey Raayyaabkoov turtii Teeleeviizhiinii Biyyaalessaa ‘Chaanaan waan’ jedhamu waliin taasiisaniin Ameerikaan biyyoota Lixaa qindeessuun Yuukreeniif meeshaalee waraanaa dhiyeessaa jiraachuu himaniiru.
Adeemsi kun balaa ta’uu Ameerikaan ni hubachiifna jechuun ibsaniiru.
Ameerikaan gochicharraa yoo of hin qusanne tarkaanfii dhiyeessicharratti xiyyeeffate Raashiyaan ni fudhatti jedhan.
Raashiyaan erga Yuukreenirratti tarkaanfii fudhachuu eegaltee Ameerikaan qoqqobbiwwan diinagdee Raashiyaarra kaa’uun diinagdee biyyattii kuffisaa jiraachuu fi daddabarsa maallaqa biyyattiis daraan dadhabsiisaa jiraachuu Biiznas Insaayidar gabaaseera.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.