Fana: At a Speed of Life!

Diyaaspooraawwan sagantaa ‘Iid hanga Iid’n gara biyyaa dhufan keessummeessuuf sochiin eegalame

Finfinnee, Eebila 5, 2014 (FBC) – Diyaaspooraawwan waamicha sagantaa ‘Iid hanga Iid’ fudhachuun gara biyyaa dhufan keessummeessuuf sochiin eegalamuu Ministeerri Turizimii beeksise.
Sagantaan Waamicha gara biyyaa Iid hanga Iid Eebila 3, 2014 eegalee sadarkaa biyyaalessaatti gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’uu, Hawaasni Musiliimaa Diyaaspooraa gara biyyaa seenuu eegaluu himameera.
Sagantichi Baatii Sooma Ramadaanaa hanga Ayyaana Iid Al Adahaatti kan gaggeeffamu ta’uu ibsameera.
Addabaabayii Michummaatti kennaan Iid, Solaanni guddaan Iid, Eksipoon Iid, Konfaransiin Seenaa fi Aadaa hawaasa Musiliimaa, dhaabbiin Biqiltuu, Ayyaana Shawaal naannoo Harariitti kabajuu fi lammiilee sababa walitti bu’iinsaa fi hongeen miidhamaniif sagantaan galii walitti qabuu kan raawwatamu ta’uu ragaan Ministeera Turizimiirraa argame ni muul’isa.
Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaan lammiilee waamicha kana fudhachuun gara biyyaa dhufaniif gatii Tikkeettii % 20 hir’ifama taasiisuun kan yaadatamuudha.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.