Fana: At a Speed of Life!

Raashiyaan komii Ameerikaan meeshaalee waraanaa Keemikaalaa fayyadamti jechuun dhiyeessite fudhatama hin qabu jette

Finfinnee, Eebila 5, 2014 (FBC) – Raashiyaan komii Ameerikaan meeshaalee waraanaa Keemikaalaa fayyadamti jechuun dhiyeessite himannaa bu’uura hin qabne jechuun kuffifte.
Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa Need Piraayis, Raashiyaan duula waraanaa Yuukreenitti gaggeessaa jirturratti meeshaalee waraanaa Keemikaalaa fayyadamuu dandeessi jechuun yakkuun isaanii kan yaadatamuudha.
Ameerikaatti Dubbii Himaan Imbaasii Raashiyaa, ibsi kun waraana kan kaasu, Dubbii himichi odeeffannoo hin mirkannoofne dubbachuurraa of qusachuu akka qaban akeekkachiisanii turan.
Himanni dhiyaate bu’uura kan hin qabne, Ameerikaan olola sobaa tamsaasurraa akka of qusattu hubachiinsaniiru.
Imbaasichi waraanni Raashiyaa Yuukreenitti duula milkaa’aa gaggeessaa jiraachuu ibseera.
Meeshaalee waraanaa Keemikaalaas hin Fayyadamne jedheera.
Mooskoon meeshaalee waraanaa Keemikaalaa Bara Faranjootaa 2017 dhabamsiisuu dubbataniiru.
Maddi:-CGTN
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.