Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti guddina damee dhuunfaaf Workishooppiin proojektii Yuuroo miiliyoona 25 eegalchiisuu gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Eebila 5, 2014 (FBC)- Ityoophiyaatti guddina damee dhuunfaaf Workishooppiin proojektii Yuuroo miiliyoona 25 eegalchiisuu magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jiraachuu ibsame.

Proojektichi Ministeera Albuudaa fi Tumsaa Dhaabbata Misooma Idil addunyaa Jarmaan (JIZ) kan qophaa’ee yoo ta’u, waggoota afuriif kan turuu baatii Eebilarraa eegalee hojiitti hiikkama jedhameera.

Ministir Deetaan Ministeera Indaastirii Shiisammaa Gabrasillaasee, dameen dhuunfaa hiyyumma hir’isuu fi guddina ariifachiisaa galmeessisuu fi hojii dhabdummaa hir’isuuf qooda mataa isaa  qabaachuu eeraniiru.

Ministeerri indaastiriis guddina damee dhuunfaaf hojiiwwan adda addaa hojjetaa jiraachuu ibsaniiru.

Keessattuu guddina damee oomishaa indaastirii fi dorgomtummaasaa fooyyeessuuf hojjetaa jira jedhaniiru.

Maddi:-TOI

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.