Fana: At a Speed of Life!

Paartiin Badhaadhinaa naannoo Hararii gaaffiiwwan uummataa deebisuuf kallattii kaa’e gara hojiitti galu ibsame

Finfinnee, Eebila 5, 2014 (FBC)-Paartiin Badhaadhinaa gaaffiiwwan uummata deebisuuf yaa’iisaan kallattii  kaa’ee fi murtoowwan dabarsee hojiirra oolchuuf gara hojiitti galu Paartiin Badhaadhinaa naannoo Haraarii beeksiseera.

Sadarkaa itti aanaa preezdaantiitti hogganaan waajjira Paartii Badhaadhinaa naannoo Hararii obbo Abdujjabaar Mahaammad, paartichi marii uummata waliin taasiseen gaaffiiwwan uummatarraa kaa’an deebisuuf karoora yeroo gabaabaa fi dheeraa qabatee gara hojiitti galuu ibsameera.

Paartiin badhaadhinaa naannichaa bu’uurama karoora sadarkaa naannichaatti hojjetamaa jiraachuu fi hoggantoota waliin gamaaggamaa gaggeessaa jiraachuu himameera.

Rakkoolee siyaasa, diinagdee fi hawaasummaa hawaasa naannichaa furuuf kan dandeessisuu karoorri guyyoota 90 qopha’uun gara hojiitti galamuu ibsameera.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.