Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddaroonni dhiyeenya muudaman biyyoota ramadamanitti filannoowwan invastimantii Ityoophiyaa akka beeksisan gaafataman

Finfinnee, Eebila 4, 2014 (FBC) – Ambaasaaddaroonni haaraan dhiyeenya muudaman biyyoota ramadamanitti filannoowwan invastimantii Ityoophiyaa akka beeksisan gaafataman.

Korporeeshinii Misooma Paarkiiwwan Indaastirii ambaasaaddaroota haaraa dhiyeenya muudaman paarkiiwwan indaastirii Boolee Lammii,Qilinxoo fi Adaamaa daawwachiiseera.

Kaayyoon daawwanichaa amabaasaaddaroonni kunneen filannoowwan invastimantii paarkiiwwan indaastirii keessa jiran ilaalanii biyyoota ramadamanitti akka beeksisaniif ta’uu ibsameera.

Ambaasaaddaroonni filannoowwan invastimantii paarkiiwwan indaastirii keessa jiran addunyaatti beeksisuuf hojjechuu akka qaban Korporeeshinichi yaadachiiseera.

Ambaasaaddaroonni gamasaaniin, daawwannichi  filannoowwan invastimantii paarkiiwwan indaastirii keessa jiran addunyaatti beeksisuuf kan isaan gargaaru ta’uu dubbachuu ragaan Korporeeshinicharraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.