Fana: At a Speed of Life!

Itti gaafatamaan mana daldalaa saamsame nan bansiisa jechuun Birrii kuma 100 matta’aa fudhate harkaaf harkatti to’atame

Finfinnee, Eebila 3, 2014 (FBC) –Eeyyama daldalaa haaromsuu fi mana daldalaa saamsamee nan bansiisa jechuun itti gaafatamaan Birrii kuma dhibba 1 matta’aa fudhate harkaaf harkatti to’atamuu Poolisiin Finfinnee beeksiise.
Itti gaafatamaan Waajjira Daldalaa kutaa magaalaa Boolee Eebila 3, 2014 dhaabbata Konkolaataa dhiqaa Abeeneeza jedhamu sababa rakkoo nageenyaan saamsamee ture bansiisuu fi eeyyama haaromsuuf Birrii kuma dhibba 1 matta’aa wayita fudhatu harkaaf harkatti to’atamuu ibsameera.
Eeruu argameen Poolisiin Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa magaalaa Finfinnee waliin ta’uun namni dhuunfaan kun Kaafee Gamoo Golaagol irratti argamu keessatti maallaqicha wayita fudhatu harkaaf harkatti to’annoo jala oolchuu Poolisiin magaalaa Finfinnee ibseera.
Tajaajila kenniinsa mootummaarratti faayidaa hin malle argachuuf ogeeyyiis ta’ee hoggantoota tattaaffii taasiisan hawaasni wayita argan qaama dhimmi ilaallatuuf eeruu laachuu akka qaban waamichi dhiyaachuu Poolisiin Magaalaa Finfinnee ibsa Faanaa Broodkaastiing Korporeetiif ergeen himeera.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.