Fana: At a Speed of Life!

Godinichatti Ganna dhufu sagantaa Ashaaraa Magariisaan Biqiltuu miiliyoona 300 dhaabuuf qophiin taasiifamuu ibsame

Finfinnee, Eebila 3, 2014 (FBC) – Godina Harargee Bahaatti Ganna dhufu sagantaa Ashaaraa Magariisaan Biqiltuu miiliyoona dhibba 3 ol dhaabuuf qophiin taasiifamuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksise.
Godinichatti qophiin bilqiltuu hojii kunuunsa qabeenya uumaa hojjetamaa ture giddu galeeffate taasiifamaa turuu Itti Aanaa Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Harargee Bahaa obbo Aliyuu Daadhiin Faanaa Broodkaasting Korporeetiif himaniiru.
Biqiltuun miiliyoonni dhibbi 3 fi miiliyoonni 19 dhaabbiif qophaa’uu eeraniiru.
Biqiltuun bara kana dhaabbatu qonnaan bulaaf madda galii ta’uu akka danda’u kanneen akka Avokaadoo, Maangoo fi Muuzii faa’a ta’uu obbo Aliyuun kaasaniiru.
Girmaa Nasiibuutu gabaase.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.