Fana: At a Speed of Life!

Meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoonni 108 ol to’atamuu ibsame

Finfinnee, Eebila 3, 2014 (FBC) – Torban darbe keessa meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoonni dhibbi 1 fi miiliyoonni 8 fi kumni dhibbi 2 fi kumni 14 ol to’atamuu ibsameera.

Meeshaaleen alaa galan Birrii miiliyoona 99 fi kuma dhibba 3 fi kuma 86tti tilmaamamanii fi meeshaaleen al-ergii Birrii miiliyoona 8 fi kuma dhibba 8tti shallagaman dameewwan gumruukaa garaagaraatti to’atamuu eerameera.

Meeshaaleen kontiroobaandii kunneen qindoomina hojjettoota gumruukaa, poolisii federaalaa fi naannolee akkasumas hawaasaan to’atamuu ibsameera.

Namoonni meeshaalee kanneen daddabarsaa turan 11 to’atamuu eerameera.

Meeshaaleen kontiroobaandii kunneen uffataalee, boba’aa, horii dhaabbii, meeshaalee elektrooniksii, buna, baala sammuu nama hadoochuu, meeshaalee waraanaa, meeshaalee miidhaginaa fi maallaqoota biyyoota garaagaraa ta’uu ragaan Komishinii Gumruukaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.