Fana: At a Speed of Life!

Rakkoolee damee haqaan muul’atan haala furuun danda’amurratti mari’atame

Finfinnee, Eebila 3, 2014 (FBC) – Rakkoolee Damee haqaa muudataa jiran haala furuun danda’amurratti Inistiityuutiin Haqaa fi Seeraa Federaalaa qaamolee haqaa federaalaa fi naannolee waliin waltajjii Maree Biyyaalessaa gaggeessaniiru.
Waltajjicharratti Daayreektara olaanaa Inistiityuutii Haqaa fi Seeraa Federaalaa Ambaasaaddar Daggifee Bulaa dabalatee Hogganaan Biiroo Haqaa naannoo Sidaamaa obbo Maatoo Maaruu fi Qaamoleen haqaa biroo argamaniiru.
Qorannoo fi qoo’annoo rakkoo hiikaan hojjechuun hojmaanni qindoomina qabu akka jiraatuu fi deeggarsa taasiisuun xiyyeefannoo Inistiityuutichaa ta’uu Ambaasaaddar Daggifeen ibsaniiru.
Ambaasaaddar Daggifeen dhimmoota rakkoolee haqaa hawaasaa furuuf dandeessisan irratti hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.
Naannoleenis rakkoolee haqaa hawaasaa furuuf hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.
Hojiilee Dhaabbilee leenjii Haqaa fi Qorannoo Naannoo Oromiyaa, Kibbaa fi Amaaraatiin hojjetaman irratti marii gaggeessaniiru.
Hojmaata qindoomina qabu diriirsuun rakkoolee damee haqaa muudatan furuuf kan dandeessisu ta’uu ibsamuu ragaan Inistiityuutiin Haqaa fi Seeraa Federaalaarraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.