Fana: At a Speed of Life!

Filannoon Preezdaantummaa Faransaay marsaa 2ffaan har’a ni gaggeeffama

Finfinnee, Eebila 3, 2014 (FBC) – Filannoon Preezdaantummaa Faransaay marsaa 2ffaan har’a kan eegalamu ta’uu ibsame.
Filannoo Preezdaantummaa marsaa 2ffaa kanaan Preezdaant Imaanu’eel Maakroonii fi Maariin Lee Peen gidduutti morkii olaanaan ni taasiifamaan eegama jedhame.
Filannoo Preezdaantummaan marsaa jalqabaan Preezdaant Imaanu’eel Maakroonii % 27.4, Maariin Lee Peen % 24.3 sagalee argataniiru.
Bu’aan sagalee Maariin Lee Peen marsaa jalqabaan galmeessisan, biyyattii waggoota 5niif kan bulchan Preezdaant Imaanu’eel Maakroonii daraan naasiiseera jedhame.
Marsaa jalqbaan % 14 sagaleen kan argatan kaadhimamtoonni Vaalaarii Peekresee, Aan Hiidaalgoo, Yaaniik Jaadootii fi Faabiiyan Ruusal Maakroon akka injifatan deeggarsa kan taasiisan ta’uu ibsaniiru.
% 7 Sagalee kan argatan Eeriik Zamur ammoo Maariin Lee Peen kan deeggaran ta’uu ibsaniiru.
Akka seera Filannoo Preezdaantummaa Faransaayitti Preezdaantii ta’uuf bu’aan filannoo marsaa jalqabaa murteessaa ta’uu ibsameera.
Yaa ta’uutii Filannoo Preezdaantummaa marsaa xumuraan bu’aan hin eeggamne galmaa’uu akka danda’us tilmaamni laatameera.
Filannoo Preezdaantummaa Faransaay Bara Faranjootaa 2017 gaggeeffameen marsaa jalqabaan Maariin Lee Peen sagalee caalmaan dursaa turanis filannoo xumuraan Preezdaant Maakroon injifachuun kan yaadatamuudha.
Maddi:-Al jazeera
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.