Fana: At a Speed of Life!

Oomishni avokaadoo waggaa lama dura eegale bu’aa qabeessa ta’uusaa agarsiise – MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Eebila 3, 2014 (FBC) –Oomishni avokaadoo waggaa lama dura eegale bu’aa qabeessa ta’uu agarsiisuu Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad ibsan.
Nyaataan of danda’uuf akkuma Qamadiirratti hojjenne Oomisha kuduraafi muduraarrattis humna keenya cimsuu qabna jedhan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.
Qaamni to’annoo qulqullina oomishaa idil addunyaa Baatii Fulbaanaa 2013 oomisha Avokaadoo Ityoophiyaaf eeyyama laachuu isaa hordofee Oomishni Avokaadoo kun gabaa biyyoota Awurooppaa garaagaraatti ergamuu eegaaluun kan yaadatamuudha.
Oomishni Avokaadoo yeroo gabaabaa keessatti qixa oomisha Bunaa Gabaa alaa keessatti dorgomaa ta’uu akka danda’u Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad ibsanii turan.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.