Fana: At a Speed of Life!

Atleet Feevan Hayiluun fiigicha Maaraatoonii Hoolaand Rooterdaam injifatte

Finfinnee, Eebila 2, 2014 (FBC) –Atleet Feevan Hayiluun fiigicha Maaraatoonii waggaa waggaan Hoolaand Rooterdaamiitti gaggeeffamu injifatte.

Atleet Feevan fageenyicha sa’aatii 2 fi daqiiqaa 22f seekoondii 01 xumuruun sadarkaa 1ffaa baateerti.

Dorgommii dhiiroota gidduutti gaggeeffameen ammoo dhalataan Ityoophiyaa Hoolaandiif fiigu Atleet Abdii Nagayaan injifateera.

Atleet Li’uul Gabra Sillaaseen 2ffaa, lammiin Keeniyaa Atleet Kiipiyaagoon sadarkaa 3ffaan xumuruu ragaan Maaraatoonii Hoolaand Rooterdaam 2022 irraa argame ni muul’isa.

Oduma walfakkaatuun fiigicha walakkaa Maaraatoonii Ispeen Maarkaallootti dubartoota gidduutti gaggeeffameen Atleet Amiinaat Ahimad sadarkaa 1ffaan xumurteerti.

Dorgommii dhiirota gidduutti gaggeeffameen ammoo Atleet Dammaqaa Taaddasaa 2ffaa, Atleet Tasfahuun Akaalnaw 3ffaa ba’uun xumuraniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.