Fana: At a Speed of Life!

Kutaa magaalichaatti namoonni karaa qindaa’aan saamicha lafaa gaggeessuuf yaalan to’ataman

Finfinnee, Eebila, 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Nifaas Silk Laaftoo aanaa 9 qaxanaa 3tti namoonni karaa qindaa’aa ta’een saamicha lafaa gaggeessuuf turan to’atamuu ibsame.

Namoonni kunneen karaa qindaa’aa ta’een lafa misooma magariisaaf qophaa’e keessa yeroo garaagaraa seenuun bosona achi keessaa ciruun karaa seeraan alaa saamicha lafaa gaggeessuuf osoo qophiirra jiranuu to’atamuu ibsameera.

Namoonni saamichicharratti hirmaachuuf turan 97, dubartoonni 20 fi dhiirri 77 kutaalee magaalaa Boolee aanaa 12 fi Aqaaqii Qaallittii aanaalee 5 fi 6 irraa walitti babba’an  guyyaa har’aa ganama naannoo sa’aatii 12:00  to’atamuu eerameera.

Saamicha lafaa kana keessaa namoonni 150 harka keessaa qabaachuu fi oppireeshinii har’a ganama gaggeeffameen namoonni 10 miliquu ibsameera.

Namoonni saamichicharratti hirmaatan to’annaa jala ooluun dhimmisaanii poolisii fi qaamolee seeraan qoratamaa jiraachuu ragaan kominikeeshinii kutaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.