Fana: At a Speed of Life!

Akkaataa Oomisha dammaa dabaluun danda’amurratti qooda fudhattoota waliin mari’atamaa jira

Finfinnee, Eebila 2, 2014 (FBC) – Inisheetivii Oromiyaa galaana dammaa haa taasifnu jedhu bara darbe eegale caalmaatti milkeessuuf waltajjiin marii qooda fudhattoota giddu galeessa taasifate magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa jira.

Waltajjii misooma dammaa akka naannoo Oromiyaatti caalmaan dabaluuf mari’atamaa jiru kanarratti argamuun haasawaa baniinsa kan taasisan hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Abarraa Warquu, hanga ammaatti gama misooma dammaan hojii hojjetame keessatti dargaggoota hedduuf carraa hojii uumamuun danda’amuu himaniiru.

Hojii misooma dammaa akka Oromiyaatti milkeessuuf hojjetamaa jiruun dargaggoonni lakkoofsaan kuma dhibba 2 caalan hojii horsiisa Kanniisaarratti bobba’uu kan kaasan obbo Abarraan, dargaggoonni kunneen leenjii fudhatanii hojiitti galuun gara dandeettii fi beekumaatti sharafsiisaa jiru jedhaniiru.

Waltajjicharratti Ministir Deetaa Ministeera Qonnaa Dooktar Fiqiruu Raggaasaa dabalatee qaamoleen oomisha dammaan walitti dhufeenya qaban godinaalee Oromiyaa garaagaraarraa hirmaachaa jiru.

Iddoosaa Abdiitu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.