Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Biyyoolessaa Ityoophiyaa dhalattoonni Ityoophiyaa oomishaalee nyaataa gara biyyaa akka galchan eeyyame

Finfinnee, Amajjii 30, 2012 (FBC) – Baankiin Biyyoolessaa Ityoophiyaa hojimaata dhalattoonni Ityoophiyaa oomishaalee nyaata bu’uuraa gara biyyaa akka galchan eeyyamu baase.
 
Ulaagaan isaas dhalattoonni Ityoophiyaa dhaabbilee biyya keessattis ta’e alatti abbummaan bulchanirraa oomisha zayita nyaataa, sukkaaraa, qamadii fi oomishaalee nyaataa biroo sharafa mataa ofiitin gara biyyaa galchuu akka danda’u eeyyama.
 
Hojicharratti bobba’uufis waggoottan lamaan darbanitti akkaawuntii biyya alaatii qabaniin Doolaara Ameerikaa miiliyoona 1.5, Yuuroo yookin Paawundii Ingiliiz sanaan walgitu qabaachuu isaaniitiif ragaa Imbaasii Ityoophiyaa yookin Qoontsilaa Ityoophiyaaf dhiyeessuu kan danda’an, dhaabbata biyya keessatti guutummaadhan miseensota diyaaspooratiin hundaa’etti fayyadamuudhan Ministeera Daldalaa fi Indaastiriirraa eeyyama baasuu akka danda’an ta’uu eera.
 
Kanaan dura daldala akkanaarratti bobba’uun kan eeyyamamuuf qaamolee mootummaa fi fichisiistota biyya keessaa muraasa qofaaf ture.
 
Eeyyamamuun hojichaa dhiyeessiin akka dabaluu fi gabaan akka tasgabbaa’u gumaacha ni qabaata jedhameera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.